-
1 Mootota 12:31Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
31 Inni iddoowwan ol kaʼoo irrattis manneen waaqeffannaa hojjetee, namoota sana keessaa warra Leewwota hin taane luboota godhee muude.+
-
-
1 Mootota 12:33Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
33 Kana malees, inni iddoo aarsaa Beetelitti hojjete irratti jiʼa saddeettaffaa guyyaa 15ffaatti, jiʼa ofii isaatiif filatetti aarsaawwan dhiheessuu jalqabe; namoota Israaʼeliif ayyaana ni hundeesse; aarsaawwanii fi aarsaa aarfamu dhiheessuufis gara iddoo aarsaatti ol ni baʼe.
-
-
1 Mootota 13:33Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
33 Kun erga taʼee booda illee, Yeroboʼaam daandii isaa isa hamaa irraa hin deebine; kanaa mannaa, uummaticha keessaa iddoowwan ol kaʼoodhaaf luboota muuduu isaa itti fufe.+ Akkasumas, “Inni luboota iddoowwan ol kaʼoo keessaa tokko haa taʼu” jechuudhaan, nama luba taʼuu barbaadu kam iyyuu luba godhee ni muuda* ture.+
-