-
2 Mootota 20:3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 “Maaloo yaa Yihowaa, amanamummaa fi garaa guutuudhaan akkamitti si duratti akkan deddeebiʼe, si duratti wanta gaarii taʼe akkan raawwadhes akka yaadattu sin kadhadha.”+ Achiis Hisqiyaas hirqinfatee booʼuu jalqabe.
-
-
2 Seenaa Baraa 31:20, 21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 Hisqiyaas guutummaa Yihudaa keessatti kana ni raawwate; inni wanta Waaqa isaa Yihowaa duratti gaarii fi sirrii taʼe ni godhe; isaafis amanamaa ture. 21 Inni hojiiwwan tajaajila mana Waaqa dhugaa+ wajjin yookiin Seerichaa fi ajaja kenname eeguu wajjin wal qabatan, warra inni Waaqa isaa barbaaddachuuf jalqabe hundumaa garaa guutuudhaan ni raawwate; milkaaʼinas ni argate.
-