-
Keessa Deebii 4:19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 Ati ija kee gara samiitti ol kaastee aduu, addeessaa fi urjiilee warra raayyaa samii taʼan hundumaa yommuu ilaaltu, gowwoomfamtee isaaniif hin sagadin; akkasumas isaan hin tajaajilin.+ Isaan warra Waaqni kee Yihowaan namoota samii jalatti argaman hundumaatiif kenne dha.
-
-
Hisqiʼel 8:16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Kanaafuu, gara mooraa mana Yihowaa isa keessaatti+ na geesse. Achittis balbala mana qulqullummaa Yihowaa duratti, barandichaa fi iddoo aarsaa gidduutti dhiironni 25 taʼan dugda isaanii gara mana qulqullummaa Yihowaatti, fuula isaanii immoo gara bahaatti naannessanii jiru turan; isaan karaa bahaatiin aduudhaaf sagadaa turan.+
-