LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 17:2, 3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 “Dhiiras taʼe dubartii namni magaalota kee warra Waaqni kee Yihowaan siif kennu kam iyyuu keessatti si gidduu jiraatu tokko wanta Waaqa kee Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwata yookiin kakuu isaa ni cabsa taʼa;+ 3 akkasumas karaa irraa goree waaqolii kan biroo ni waaqeffata, isaaniif yookiin aduudhaaf yookiin addeessaaf yookiin raayyaa samii hundumaatiif sagaduudhaan+ wanta ani hin ajajne ni raawwata taʼa.+

  • 2 Mootota 17:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Isaan ajajawwan Waaqa isaanii Yihowaa hunda ni dhiisan; siidaawwan jabbilee lama sibiila irraa* ni tolchan;+ utubaa waaqeffannaa*+ tokkos ni hojjetan; guutummaa raayyaa samiitiif ni sagadan;+ Baʼaaliinis ni tajaajilan.+

  • Hisqiʼel 8:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Kanaafuu, gara mooraa mana Yihowaa isa keessaatti+ na geesse. Achittis balbala mana qulqullummaa Yihowaa duratti, barandichaa fi iddoo aarsaa gidduutti dhiironni 25 taʼan dugda isaanii gara mana qulqullummaa Yihowaatti, fuula isaanii immoo gara bahaatti naannessanii jiru turan; isaan karaa bahaatiin aduudhaaf sagadaa turan.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi