-
Keessa Deebii 4:19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 Ati ija kee gara samiitti ol kaastee aduu, addeessaa fi urjiilee warra raayyaa samii taʼan hundumaa yommuu ilaaltu, gowwoomfamtee isaaniif hin sagadin; akkasumas isaan hin tajaajilin.+ Isaan warra Waaqni kee Yihowaan namoota samii jalatti argaman hundumaatiif kenne dha.
-
-
Ermiyaas 8:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Yihowaan akkana jedha: “Yeroo sanatti lafeen mootota Yihudaa, lafeen bulchitoota ishii, lafeen lubootaa, lafeen raajotaa fi lafeen jiraattota Yerusaalem awwaala isaanii keessaa ni fudhatama. 2 Achiis lafeewwan kun aduu, addeessaa fi guutummaa raayyaa samii warra isaan jaallachaa, tajaajilaa, duukaa buʼaa, barbaadaa fi isaaniif sagadaa turan duratti ni afamu.+ Isaan walitti hin qabaman, hin awwaalamanis. Lafa irratti akkuma dikee taʼu.”+
-