-
2 Saamuʼel 6:3-8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Haa taʼu malee, isaan Taabota Waaqa dhugaa mana Abinaadaab+ isa tabba irra jiru keessaa fiduuf gaarii haaraa tokko irra kaaʼan;+ ilmaan Abinaadaab kan taʼan Uuzaanii fi Ahiyoon immoo gaarii haaraa sana oofaa turan.
4 Kanaafuu, isaan Taabota Waaqa dhugaa sana mana Abinaadaab isa tabba irra jiru keessaa fuudhanii deeman; Ahiyoon gaarii sana dura deemaa ture. 5 Daawitii fi guutummaan mana Israaʼel meeshaawwan muuziqaa muka birbirsaa irraa tolfaman akaakuu hundumaa, baganaa, meeshaawwan muuziqaa ribuu qaban akaakuu kan biroo,+ dibbee,+ tsanaatsilii fi siimbaaliitti*+ fayyadamanii Yihowaa duratti sirbu turan. 6 Haa taʼu malee, isaan yommuu oobdii Naakon bira gaʼan, loon gaarii sana harkisan sun Taaboticha kuffisuuf waan turaniif Uuzaan harka isaa hiixatee Taabota Waaqa dhugaa qabe.+ 7 Yeroo kanatti aariin Yihowaa Uuzaa irratti ni bobaʼe; inni seera Waaqayyoo waan hin kabajneefis+ Waaqni dhugaan achumatti isa rukute;+ innis achuma Taabota Waaqa dhugaa biratti ni duʼe. 8 Haa taʼu malee, aariin Yihowaa Uuzaa irratti waan bobaʼeef Daawit ni aare;* iddoon sunis hanga harʼaatti Pereez Uuzaa* jedhama.
-