-
2 Saamuʼel 24:1-3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 Yommuu inni tokko, “Dhaqi, Israaʼelii fi Yihudaa+ lakkaaʼi”+ jedhee Daawitiin isaan irratti kakaasetti,* ammas aariin Yihowaa Israaʼel irratti ni bobaʼe.+ 2 Kanaafuu, mootichi Yoʼaab+ isa ajajaa raayyaa waraanaa taʼee fi isaa wajjin tureen, “Ani lakkoofsa uummatichaa akkan beekuuf, maaloo, Daan irraa hamma Ber Sheebaatti+ gosoota Israaʼel hundumaa keessa naannaʼaatii uummaticha galmeessaa” jedhe. 3 Yoʼaab garuu mootichaan, “Waaqni kee Yihowaan uummaticha siʼa 100 haa baayʼisu; ijji gooftaa koo mootichaas kana haa argu; garuu gooftaan koo mootichi wanta akkanaa gochuu kan barbaade maaliifi?” jedhe.
-