-
2 Seenaa Baraa 1:11, 12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Achiis Waaqayyo Solomooniin akkana jedhe: “Hawwiin garaa keetii kana waan taʼeef, akkasumas ati qabeenya, sooruma, ulfina yookiin duʼa* namoota si jibbanii yookiin umurii dheeraa* gaafachuu mannaa ogummaa fi beekumsa saba ani mootii irratti si godheef murtii dabarsuuf si barbaachisu waan gaafatteef,+ 12 ogummaanii fi beekumsi siif ni kennama; haa taʼu malee, ani qabeenya, soorumaa fi ulfina si dura mootiin kam iyyuu hin qabnee fi si boodas eenyu iyyuu hin arganne siifan kenna.”+
-
-
2 Seenaa Baraa 17:1Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Ilmi isaa Yoshaafaaxis+ bakka isaa mootii taʼe; Israaʼel irrattis aangoo isaa ni cimsate.
-