LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Mootota 21:7-9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Fakkii utubaa waaqeffannaa bocee hojjete sana mana Yihowaan Daawitii fi ilma isaa Solomooniin akkana jedhee waaʼee isaa dubbate keessa kaaʼe:+ “Mana kanaa fi Yerusaalem keessatti, jechuunis bakka ani gosoota Israaʼel hundumaa keessaa filadhe kanatti bara baraaf maqaa koo nan kaaʼa.+ 8 Isaan wantan isaan ajaje hundumaa, jechuunis guutummaa Seerichaa isa tajaajilaan koo Museen akka hordofaniif isaan ajaje of eeggannoodhaan yoo eegan,+ lammata miilli Israaʼelotaa biyya ani abbootii isaaniitiif kenne keessaa baʼee akka jooru hin godhu.”+ 9 Isaan garuu hin ajajamne; Minaaseenis wanta hamaa saboonni warri Yihowaan Israaʼelota duraa balleesse hojjetan irra caalu akka raawwatan gochuudhaan karaa irraa isaan jalʼise.+

  • 2 Mootota 23:27
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 27 Yihowaan, “Akkuman Israaʼeliin ija koo duraa balleesse,+ Yihudaas ija koo duraa nan balleessa;+ magaalaa Yerusaalem ishiin filadhe kanaa fi mana isan, ‘Maqaan koo achi keessa ni jiraata’+ jedhee waaʼee isaa dubbadhe kana nan dhiisa” jedhe.

  • 2 Seenaa Baraa 7:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Maqaan koo yeroo hundumaaf achi akka taʼuuf ani mana kana filadheera; qulqulleesseeras;+ ijji koo fi garaan koos yeroo hunda achi ni taʼa.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi