LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Mootota 21:19-24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 Amoon+ yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 22 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa lamaaf ni bulche.+ Maqaan haadha isaa Meshulemeet yeroo taʼu, ishiin intala Haruuz isa nama Yotbaa taʼee turte. 20 Inni akkuma abbaan isaa Minaaseen godhe, wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate.+ 21 Daandii abbaan isaa irra deeme hunda irras ni deeme; waaqolii tolfamoo balfamoo taʼanii fi abbaan isaa tajaajilaa ture ni tajaajile; isaaniifis ni sagade.+ 22 Kanaafuu, inni Yihowaa isa Waaqa abbootii isaa taʼe ni dhiise; daandii Yihowaa irras hin deemne.+ 23 Yeroo boodas tajaajiltoonni Amoon isa irratti mariʼatanii manuma isaa keessatti mooticha ajjeesan. 24 Namoonni biyyattii garuu namoota Amoon Mooticha irratti mariʼatan hunda ni ajjeesan; ilma isaa Yosiyaasiinis bakka isaa mootii godhan.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi