-
2 Mootota 22:14-20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Kanaafuu, Hilqiyaan lubichi, Ahiqaam, Akboor, Shaafaanii fi Asaayaan gara Huldaa raajittii+ dhaqan. Ishiin haadha manaa Shaalum ilma Tiquwaa, ilma Harhaas isa eegduu mana uffataa taʼe sanaa yeroo taatu, Kutaa Lammaffaa Magaalaa Yerusaalem keessa jiraatti turte; isaanis achitti ishii haasofsiisan.+ 15 Ishiinis akkana isaaniin jette: “Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Namicha gara kootti isin erge sanaan akkana jedhaa: 16 “Yihowaan akkana jedha: ‘Ani iddoo kanaa fi jiraattota ishii irratti badiisa isa kitaaba mootiin Yihudaa dubbise+ keessatti barreeffame hundumaa nan fida. 17 Isaan waan na dhiisaniif, akkasumas hojii harka isaanii hundumaatiin+ na dheekkamsiisuuf waaqolii kan birootiif aarsaawwan aarfaman waan dhiheessaniif,+ dheekkamsi koo iddoo kana irratti ni bobaʼa; hin dhaamus.’”+ 18 Mootii Yihudaa isa Yihowaa akka gaafattan isin erge sanaan garuu akkana jedhaa: “Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Wanta dhageesse sana ilaalchisee, 19 isaan akka naasifamanii fi akka abaaraman, wanta ani iddoo kanaa fi jiraattota ishii irratti dubbadhe dhageessee garaan kee waan tuqameef,* Yihowaa duratti waan gad of qabdeef,+ uffata kee waan tarsaasteef,+ na durattis waan boosseef, anis si dhagaʼeera jedha Yihowaan. 20 Gara abbootii keetti kanan walitti si qabus kanaafi;* ati nagaadhaan awwaala kee keessa ni ciista; ijji kees badiisa ani iddoo kana irratti fidu hundumaa hin argu.’”’” Isaanis deebiʼanii wanta jedhame kana mootichatti himan.
-