LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Seenaa Baraa 34:22-28
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 22 Kanaafuu, Hilqiyaan warra mootichi ergee wajjin gara Huldaa raajittii+ dhaqe. Ishiin haadha manaa Shaalum ilma Tiquwaa, ilma Harhaas isa eegduu mana uffataa taʼe sanaa yeroo taatu, Kutaa Lammaffaa Magaalaa Yerusaalem keessa jiraatti turte; isaanis achitti ishii haasofsiisan.+ 23 Ishiinis akkana isaaniin jette: “Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Namicha gara kootti isin erge sanaan akkana jedhaa: 24 “Yihowaan akkana jedha: ‘Ani iddoo kanaa fi jiraattota ishii irratti badiisa nan fida;+ abaarsa kitaaba mootii Yihudaa duratti dubbisan keessatti barreeffame hundumaas nan fida.+ 25 Isaan waan na dhiisaniif,+ akkasumas hojii harka isaanii hundumaatiin na dheekkamsiisuuf waaqolii kan birootiif aarsaawwan aarfaman waan dhiheessaniif,+ dheekkamsi koo iddoo kana irratti ni dhangalaʼa; hin dhaamus.’”+ 26 Mootii Yihudaa isa Yihowaa akka gaafattan isin erge sanaan garuu akkana jedhaa: “Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Wanta dhageesse sana ilaalchisee,+ 27 wanta inni iddoo kanaa fi jiraattota ishii irratti dubbate dhageessee garaan kee waan tuqameef,* Waaqayyo duratti waan gad of qabdeef, na duratti gad of qabdee uffata kee waan tarsaasteef, akkasumas na duratti waan boosseef, anis si dhagaʼeera+ jedha Yihowaan. 28 Gara abbootii keetti kanan walitti si qabu kanaafi;* ati nagaadhaan awwaala kee keessa ni ciista; ijji kees badiisa ani iddoo kanaa fi jiraattota ishii irratti fidu hundumaa hin argu.’”’”+

      Isaanis deebiʼanii wanta jedhame kana mootichatti himan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi