-
1 Mootota 10:11, 12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Dooniiwwan Hiiraam warri Ofiir+ irraa warqii fidaa turan, saanqaawwan muka sandalii+ hedduu fi dhagoota gatii guddaa qaban+ Ofiir irraa ni fidu turan. 12 Mootichi saanqaawwan muka sandalii irraa deggertuuwwan mana Yihowaa fi deggertuuwwan mana mootichaa, akkasumas faarfattootaaf baganaa fi meeshaawwan muuziqaa ribuu qaban ni hojjete.+ Saanqaawwan muka sandalii akkanaa sana booda hamma harʼaatti fidamaniis taʼe argamanii hin beekan.
-