-
2 Seenaa Baraa 9:10, 11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Kana malees, tajaajiltoonni Hiiraamii fi tajaajiltoonni Solomoon warri Ofiir irraa warqii fidaa turan,+ saanqaawwan muka sandalii fi dhagoota gatii guddaa qabanis ni fidu turan.+ 11 Mootichi saanqaawwan muka sandalii irraa kortoowwan mana Yihowaa+ fi kortoowwan mana mootichaa,+ akkasumas faarfattootaaf baganaa fi meeshaawwan muuziqaa ribuu qaban ni hojjete.+ Saanqaawwan akkanaa sana dura biyya Yihudaa keessatti argamanii hin beekan.
-