-
Keessa Deebii 12:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Isinis wanta ani isin ajaju hundumaa, jechuunis aarsaawwan keessan warra gubaman, aarsaawwan keessan warra kaan, kurnoowwan keessan,+ buusii harka keessan irraa kennitanii fi kennaa wareegaa Yihowaadhaaf wareegdan hundumaa gara bakka Waaqni keessan Yihowaan maqaan isaa achi akka jiraatuuf filatutti ni fiddu.+
-
-
1 Seenaa Baraa 22:1Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 Achiis Daawit, “Kun mana Yihowaa Waaqa dhugaa ti; kun iddoo aarsaa isa Israaʼel aarsaa gubamu irratti dhiheessu dha” jedhe.+
-
-
2 Seenaa Baraa 15:8, 9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Aasaanis jechoota kanaa fi raajii Odeed raajichi dubbate akkuma dhagaʼeen ija jabina ni argate; biyya Yihudaa fi Biiniyaam hundumaa, akkasumas magaalota warra naannoo gaarotaa Efreem irraa fudhate keessaa waaqolii tolfamoo balfamoo taʼan ni balleesse;+ iddoo aarsaa Yihowaa isa barandaa mana Yihowaa dura tures ni haaresse.+ 9 Innis namoota Yihudaa fi Biiniyaam, akkasumas namoota biyya ormaa Efreem, Minaasee fi Simiʼoon keessaa dhufanii isaanii wajjin turan hundumaa walitti ni qabe;+ namoonni biyya ormaa kun, Waaqni isaa Yihowaan isaa wajjin akka jiru yommuu argan baayʼee taʼanii Israaʼeliin dhiisanii gara isaa dhufanii turan.
-
-
2 Seenaa Baraa 30:10, 11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Kanaafuu, ergamtoonni* sun magaalaa tokko irraa gara magaalaa isa kan biraa deemaa guutummaa biyya Efreem, biyya Minaasee+ fi biyya Zaabiloon keessa naannaʼan; namoonni sun garuu isaanitti kolfu, akkasumas isaanitti qoosu turan.+ 11 Haa taʼu malee, biyya Asheer, biyya Minaasee fi biyya Zaabiloon keessaa namoonni tokko tokko gad of qabanii gara Yerusaalem ni dhufan.+
-