-
1 Mootota 11:26, 27Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
26 Tajaajilaa Solomoon+ kan taʼe Efreemichi Yeroboʼaam+ jedhamuu fi ilma Neebaat taʼe tokkos jira ture; inni Zeredaadhaa kan dhufe yeroo taʼu, haati isaa Zeruuyaa kan jedhamtuu fi abbaan manaa kan irraa duʼe turte. Innis mooticha irratti fincila* kaasuu jalqabe.+ 27 Sababiin inni mooticha irratti fincila itti kaase kana ture: Solomoon Koobicha*+ ijaaree fi bakka banamaa dallaa Magaalaa abbaa isaa Daawit+ duuchee ture.
-