-
1 Mootota 22:42, 43Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
42 Yoshaafaax yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 35 ture; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa 25f ni bulche. Maqaan haadha isaa Azuubaa yommuu taʼu, ishiin intala Shilhii turte. 43 Innis daandii abbaa isaa Aasaa+ hundumaa irra deemuu isaa itti fufe. Isa irraas hin jalʼanne; wanta Yihowaa duratti sirrii taʼes ni raawwate.+ Haa taʼu malee, iddoowwan ol kaʼoon hin balleeffamne turan; namoonnis amma iyyuu iddoowwan ol kaʼoo irratti aarsaa fi aarsaa aarfamu ni dhiheessu turan.+
-