-
2 Seenaa Baraa 16:13, 14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Achiis Aasaan abbootii isaa wajjin ni boqote;+ mootii taʼee waggaa 41ffaa isaattis ni duʼe. 14 Kanaafuu, isaan iddoo awwaalchaa ulfina qabeessa isa inni Magaalaa Daawit+ keessatti ofii isaatiif qochisiise keessatti isa awwaalan; siree reeffaa zayitii baalsaamii fi dibata wantoonni adda addaa walitti makamanii karaa adda taʼeen qopheeffameen guutame irra isa ciibsan.+ Kana malees, ulfina isaatiif ibidda guddaa ni bobeessan.*
-
-
Ermiyaas 34:4, 5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Haa taʼu malee, yaa Zedeeqiyaa mootii Yihudaa, dubbii Yihowaa kana dhagaʼi: ‘Siin ilaalchisee Yihowaan akkana jedha: “Ati goraadeedhaan hin duutu. 5 Nagaadhaan ni duuta;+ isaan akkuma abbootii keetiif, jechuunis mootota bara durii warra si dura turaniif godhanitti ulfina keetiif ibidda ni bobeessu; ‘Wayyoo, yaa gooftaa keenyaa!’ jedhaniis siif ni booʼu; sababiin isaas, ‘Ani dubbii kana dubbadheera’ jedha Yihowaan”’”’”
-