-
2 Mootota 11:5-8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Achiis akkana jedhee isaan ajaje: “Isin akkana godhaa: Harka sadii keessaa harka tokko kan taatan, guyyaa Sanbataatti hojii galtanii mana mootichaa+ dammaqinaan ni eegdu; 6 warri harka sadii keessaa harka tokko taatan kaan Karra Buʼuurichaa bira ni taatu; warri harka sadii keessaa harka tokko taatan kaan immoo karra isa eegdota mana mootummaa duubaan jiru bira ni taatu. Isin dabaree dabareedhaan manicha ni eegdu. 7 Warri harka sadii keessaa harka lama taatanii fi guyyaa Sanbataatti hojii irraa bilisa taatanis, mooticha eeguuf dammaqinaan mana Yihowaa eeguu qabdu. 8 Tokkoon tokkoon keessan meeshaawwan waraanaa keessan harkatti qabadhaatii kallattii hundumaatiin mootichatti marsaa. Namni tarree sana gidduu seenu kam iyyuu ni ajjeefama. Bakka inni dhaqu hundumaatti* mootichaa wajjin taʼaa.”
-
-
1 Seenaa Baraa 9:22-25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 Karra eegdota balbaloota sanaa akka taʼaniif kan filataman walumaa galatti lakkoofsi isaanii 212 ture. Isaan akka hidda dhalootaa isaaniitiin galmeeffamanitti+ gandeen isaanii keessa jiraatu turan. Daawitii fi Saamuʼel inni mulʼata argu,+ namoota kana iddoo amanamummaa gaafatu irratti ni muudan. 23 Isaanii fi ilmaan isaanii tajaajila eegumsa karrawwan mana Yihowaa, jechuunis mana dunkaanichaa ol aantummaadhaan toʼatu turan.+ 24 Karra eegdonni karaa afuriin, jechuunis karaa bahaa, karaa dhihaa, karaa kaabaa fi karaa kibbaa jiru turan.+ 25 Obboloonni isaaniis guyyaa torbaaf isaanii wajjin tajaajiluuf yeroo yeroodhaan gandeen isaanii keessaa baʼanii dhufu turan.
-