-
2 Seenaa Baraa 23:4-7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Isin akkana godhaa: Luboonnii fi Leewwonni guyyaa Sanbataatti hojii galan+ harka sadii keessaa harki tokko karra eegdota ni taʼu;+ 5 warri harka sadii keessaa harka tokko taʼan kaan mana mootichaa+ bira, warri harka sadii keessaa harka tokko taʼan kaan immoo Karra Buʼuurichaa bira ni taʼu; guutummaan sabichaa immoo mooraawwan mana Yihowaa+ keessa ni taʼa. 6 Lubootaa fi Leewwota warra tajaajilan malee, eenyu iyyuu gara mana Yihowaatti akka seenu hin heyyaminaa.+ Kanneen kun garee qulqulluu waan taʼaniif achi keessa seenuu ni dandaʼu; guutummaan sabichaa garuu dirqama Yihowaan isaaf kenne ni raawwata. 7 Leewwonni tokkoon tokkoon isaanii meeshaawwan waraanaa isaanii harkatti qabatanii kallattii hundumaatiin mootichatti haa marsan. Namni manichatti seenu kam iyyuu ni ajjeefama. Bakka inni dhaqu* hundumaatti mootichaa wajjin taʼaa.”
-