-
2 Mootota 22:3-5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Yosiyaas Mootichi mootii taʼee waggaa 18ffaa isaatti, Shaafaan ilma Azaaliyaa, ilma Meshulaam isa barreessaa taʼeen akkana jedhee gara mana Yihowaatti erge:+ 4 “Gara Hilqiyaa+ isa luba ol aanaa taʼe sanaatti ol baʼiitii, maallaqa isa gara mana Yihowaatti fidame isa karra eegdonni sabicha irraa walitti qaban+ hunda akka walitti qabu godhi.+ 5 Isaan maallaqicha namoota hojii mana Yihowaa keessatti hojjetamu irratti muudamaniif haa kennan; isaan immoo hojjettoota mana Yihowaa keessatti hojjetan warra manicha bakka miidhame* haaressaniif,+
-