LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Mootota 12:4, 5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Yoʼaasis lubootaan akkana jedhe: “Maallaqa kennaa qulqulluu+ taʼee gara mana Yihowaatti fidamu hunda, jechuunis maallaqa namni tokko itti murame,+ maallaqa namni tokko akka kaffalu itti tilmaamamee fi maallaqa tokkoon tokkoon namaa garaan isaa akka isa kakaasetti gara mana Yihowaatti fidu hunda harkaa fuudhaa.+ 5 Luboonnis ofuma isaaniitiin maallaqa warra maallaqicha kennan irraa fuudhanii manicha bakka miidhame* hunda haaressuuf itti fayyadamu.”+

  • 2 Seenaa Baraa 29:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 29 Hisqiyaas+ umurii isaa waggaa 25tti mootii ni taʼe; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa 29f ni bulche. Maqaan haadha isaa Abiiyaa yeroo taʼu, ishiin intala Zakkaariyaas turte.+

  • 2 Seenaa Baraa 29:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Inni mootii taʼee waggaa isa jalqabaatti, waggicha keessaas jiʼa isa jalqabaatti balbaloota mana Yihowaa ni bane, ni haaresses.+

  • 2 Seenaa Baraa 34:9, 10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Isaanis gara Hilqiyaa isa luba ol aanaa taʼe sanaa dhufanii, maallaqa isa gara mana Waaqayyootti fidame, isa Leewwonni warri karra eegdota taʼan namoota Minaasee, namoota Efreemii fi namoota Israaʼel warra hafan hundumaa+ irraa, akkasumas namoota Yihudaa, namoota Biiniyaamii fi jiraattota Yerusaalem irraa walitti qaban isatti ni kennan. 10 Achiis maallaqicha namoota hojii mana Yihowaa keessatti hojjetamu irratti muudamaniif ni kennan. Hojjettoonni mana Yihowaa keessatti hojjetan immoo maallaqicha manicha suphuu fi haaressuuf itti fayyadaman.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi