34 Akkuma abbaan isaa Ooziyaan godhe, innis wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe ni godhe.+ 35 Haa taʼu malee, iddoowwan ol kaʼoon hin balleeffamne turan; namoonnis amma iyyuu iddoowwan ol kaʼoo irratti aarsaa fi aarsaa aarfamu ni dhiheessu turan.+ Karra mana Yihowaa isa olii kan ijaare isa ture.+