-
1 Mootota 7:23-26Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
23 Achiis sibiila baqfameen Galaanicha* ni hojjete.+ Bocni isaa geengoo ture; afaan isaa gar tokkoo hamma gara isa kaaniitti dhundhuma 10 yeroo taʼu, ol dheerinni isaa immoo dhundhuma 5 ture; naannoon isaa wadaroo safaraatiin dhundhuma 30 ture.+ 24 Afaan Galaanichaa jala dhundhuma tokko tokko keessatti faayaan buqqee+ kudhan kudhan itti naanneffamee jira ture; buqqeen sunis tarree lamaan Galaanichaa wajjin tokko taʼee kan hojjetame ture. 25 Galaanichi qotiyyoo 12+ irra kan taaʼe yeroo taʼu, qotiyyoon 3 gara kaabaatti, 3 gara dhihaatti, 3 gara kibbaatti, 3 immoo gara bahaatti garagalanii turan; Galaanichis isaan irra taaʼee ture; duubni hunda isaaniis gara walakkaatti kan seene ture. 26 Furdinni isaa hamma balʼina barruu harkaa* ture; afaan isaa afaan shinii fi abaaboo daraare fakkaata ture. Innis safartuu baatii* 2,000 baata ture.
-