-
2 Seenaa Baraa 28:5-8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Kanaafuu, Waaqni isaa Yihowaan harka mootii Sooriyaatti+ dabarsee isa kenne; isaanis isa injifatan; achiis namoota hedduu boojiʼanii gara Damaasqootti+ geessan. Kana malees, inni harka mootii Israaʼelitti dabarfamee ni kenname; innis dhumaatii guddaa isa irratti geessise. 6 Isaan Yihowaa isa Waaqa abbootii isaanii taʼe waan dhiisaniif, Peeqaan+ ilmi Remaaliyaa Yihudaa keessatti guyyaa tokkotti namoota 120,000 kan ajjeese yeroo taʼu, hundi isaaniis namoota onnatoo turan.+ 7 Zikriin Efreemichi inni loltuu taʼes, Maaʼaaseyaa isa ilma mootichaa taʼe, Azriqaam isa itti gaafatamaa mana mootummaa* taʼee fi Elqaanaa isa itti aanaa mootichaa taʼe ni ajjeese. 8 Kana malees, Israaʼelonni dubartoota, ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa warra obboloota isaanii taʼan 200,000 boojiʼanii ni fudhatan; boojuu hedduus ni fudhatan; boojuu sanas gara Samaariyaatti+ geessan.
-