-
1 Seenaa Baraa 28:12, 13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Innis pilaanii ijaarsaa isa hafuuraan isaaf kenname hundumaa, jechuunis mooraawwan+ mana Yihowaa, kutaawwan nyaataa manichatti marsanii jiran hundumaa, manneen qabeenyaa mana Waaqa dhugaa fi manneen kuusaa wantoota qulqulleeffamanii*+ isaaf ni kenne; 13 kana malees, gareewwan lubootaa+ fi Leewwotaa, hojiiwwan tajaajila mana Yihowaatti hojjetaman hundumaa fi miʼawwan tajaajila mana Yihowaatiif oolan hundumaa ilaalchisee qajeelfama isaaf ni kenne;
-
-
2 Seenaa Baraa 8:14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Dabalataanis inni akka seera abbaan isaa Daawit kennetti tajaajila isaaniitiif gareewwan lubootaa ni muude;+ akkasumas akkuma barsiifata guyyaa guyyaadhaan turetti isaan luboota duratti Waaqayyoon akka jajatanii+ fi akka tajaajilaniif gareewwan Leewwotaa iddoo hojii isaanii irratti ni muude; karra eegdotas akka garee garee isaaniitti karrawwan adda addaa irratti ni ramade;+ kunis ajaja Daawit inni nama Waaqa dhugaa taʼe sun kenne ture.
-