LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Seenaa Baraa 28:12, 13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Innis pilaanii ijaarsaa isa hafuuraan isaaf kenname hundumaa, jechuunis mooraawwan+ mana Yihowaa, kutaawwan nyaataa manichatti marsanii jiran hundumaa, manneen qabeenyaa mana Waaqa dhugaa fi manneen kuusaa wantoota qulqulleeffamanii*+ isaaf ni kenne; 13 kana malees, gareewwan lubootaa+ fi Leewwotaa, hojiiwwan tajaajila mana Yihowaatti hojjetaman hundumaa fi miʼawwan tajaajila mana Yihowaatiif oolan hundumaa ilaalchisee qajeelfama isaaf ni kenne;

  • 2 Seenaa Baraa 8:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Achiis Solomoon iddoo aarsaa+ Yihowaa isa barandicha fuulduratti+ ijaare irratti aarsaawwan gubaman Yihowaadhaaf ni dhiheesse.+

  • 2 Seenaa Baraa 8:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Dabalataanis inni akka seera abbaan isaa Daawit kennetti tajaajila isaaniitiif gareewwan lubootaa ni muude;+ akkasumas akkuma barsiifata guyyaa guyyaadhaan turetti isaan luboota duratti Waaqayyoon akka jajatanii+ fi akka tajaajilaniif gareewwan Leewwotaa iddoo hojii isaanii irratti ni muude; karra eegdotas akka garee garee isaaniitti karrawwan adda addaa irratti ni ramade;+ kunis ajaja Daawit inni nama Waaqa dhugaa taʼe sun kenne ture.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi