-
2 Seenaa Baraa 23:16, 17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Achiis Yehoyaadaan, isaan saba Yihowaa taʼanii akka itti fufaniif, ofii isaa, guutummaa sabichaa fi mooticha gidduutti kakuun akka galamu godhe.+ 17 Sana booda namoonni hundi gara mana* Baʼaal dhufanii manicha ni diigan;+ iddoowwan aarsaa isaa fi fakkiiwwan isaas ni caccabasan;+ Maataan isa luba Baʼaal tures iddoo aarsaa duratti ni ajjeesan.+
-