-
2 Mootota 11:17, 18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Achiis Yehoyaadaan, isaan saba Yihowaa taʼanii akka itti fufaniif, Yihowaa, mootichaa fi sabicha gidduutti kakuun akka galamu godhe;+ inni mootichaa fi sabicha gidduuttis kakuun akka galamu godhe.+ 18 Sana booda namoonni biyyattii hundi gara mana* Baʼaal dhufanii iddoowwan aarsaa isaa ni diigan;+ fakkiiwwan isaas guutummaatti ni caccabasan;+ Maataan isa luba Baʼaal tures iddoo aarsaa duratti ni ajjeesan.+
Achiis lubichi mana Yihowaa irratti ilaaltota ol aanaa ni muude.+
-
-
2 Seenaa Baraa 34:31Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
31 Mootichi dubbii kakuu kana keessatti argamu isa kitaaba kana keessatti barreeffame hundumaa+ raawwachuudhaan, Yihowaa duukaa buʼuuf, akkasumas ajajawwan isaa, yaadachiisawwan isaa fi dambiiwwan isaa garaa isaa guutuu fi lubbuu* isaa guutuudhaan+ eeguuf, iddoo isaa dhaabbatee Yihowaa duratti kakuu gale.*+
-