-
2 Mootota 24:15, 16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Akka kanaan inni Yehoyaakiiniin+ boojiʼee gara Baabilonitti geesse;+ kana malees haadha mootichaa, haadhotii manaa mootichaa, abbootii taayitaa mana mootummaa isaa fi namoota guguddaa biyyattii Yerusaalem keessaa boojiʼee gara Baabilonitti geesse. 16 Kana malees, mootiin Baabilon loltoota 7,000 fi namoota ogeeyyii harkaa taʼanii fi hojii sibiilaa hojjetan* 1,000 boojiʼee gara Baabilonitti geesse; hundi isaanii namoota jajjaboo fi waraanaaf leenjiʼan turan.
-
-
2 Mootota 25:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Nebuzaradaan inni ajajaa waardiyyootaa taʼe namoota magaalattii keessatti hafan kaan, gantoota gara mootii Baabilonitti goranii fi uummata isa hafe kaan boojiʼee fudhate.+
-