-
Izraa 6:9, 10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Akkuma luboonni Yerusaalem keessa jiraatan jedhanitti, Waaqa samiitiif aarsaawwan gubamaniif akka taʼanitti wanti isaan barbaachisu hundi, jechuunis jiboonni,+ korbeeyyiin hoolaa+ fi xobbaallaan* hoolaa,+ akkasumas qamadiin,+ soogiddi,+ daadhiin wayinii+ fi zayitiin+ guyyaa guyyaadhaan utuu addaan hin citin isaaniif haa kennamu; 10 kunis kan godhamu, isaan utuu addaan hin kutin aarsaawwan Waaqa samiiwwanii gammachiisan akka dhiheessaniif, akkasumas lubbuu mootichaa fi kan ilmaan isaatiif akka kadhataniifi.+
-