-
Baʼuu 29:38Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
38 “Wantoonni iddoo aarsaa irratti dhiheessitu kanneen kana dha: utuu wal irraa hin kutin guyyaa guyyaadhaan xobbaallaa hoolaa waggaa tokko taʼan lama ni dhiheessita.+
-
-
Lakkoofsa 29:12, 13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 “‘Jiʼa torbaffaa keessaa guyyaa 15ffaatti walgaʼii qulqulluu godhadhaa. Guyyaa kanatti hojii cimaa akkamii iyyuu hin hojjetinaa; guyyaa torbaaf Yihowaadhaaf ayyaana kabajaa.+ 13 Jibicha 13, korbeeyyii hoolaa 2 fi hoolota xobbaallaa waggaa tokko taʼan 14 aarsaa gubamu,+ jechuunis aarsaa ibiddaan dhihaatuu fi urgaan isaa Yihowaa gammachiisu* gootanii ni dhiheessitu; hundi isaanii mudaa kan hin qabne haa taʼan.+
-