-
Leewwota 23:34-36Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
34 “Israaʼelotaan akkana jedhi: ‘Guyyaa 15ffaa jiʼa torbaffaa kanaa irraa jalqabee guyyaa torbaaf Yihowaadhaaf Ayyaanni Daasii* ni kabajama.+ 35 Guyyaa jalqabaatti walgaʼii qulqulluutu taʼa; isin guyyaa sanatti hojii cimaa akkamii iyyuu hin hojjetinaa. 36 Guyyaa torbaaf aarsaa ibiddaan dhihaatu Yihowaadhaaf dhiheessaa. Guyyaa saddeettaffaatti walgaʼii qulqulluu kabajaa;+ aarsaa ibiddaan dhihaatus Yihowaadhaaf dhiheessaa. Guyyichi guyyaa walgaʼii qulqulluu ti. Guyyaa kanatti hojii cimaa akkamii iyyuu hin hojjetinaa.
-
-
Keessa Deebii 16:13-15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 “Oobdii kee, akkasumas bakka zayitii fi wayinii kee itti cuunfitu irraa oomisha kee yommuu galfattu guyyaa torbaaf Ayyaana Daasii* kabaji.+ 14 Ati, ilmi kee, intalli tee, garbichi kee, garbittiin tee, Leewwonni, namni biyya ormaa, daaʼimni abbaa hin qabnee fi dubartiin abbaan manaa irraa duʼe, warri magaalota kee keessa jiran yeroo ayyaanaa kee kanatti gammadaa.+ 15 Waaqni kee Yihowaan oomisha kee hundumaa fi wanta gootu hundumaa waan eebbisuuf,+ bakka Yihowaan filatutti guyyaa torba Waaqa kee Yihowaadhaaf ayyaana ni kabajja;+ atis baayʼee ni gammadda.+
-
-
Nahimiyaa 8:14-18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Isaanis Seera Yihowaan karaa Musee ajaje keessatti, yaanni Israaʼelonni tibba ayyaana isa jiʼa torbaffaatti kabajamuutti daasii* keessa taaʼuu akka qaban ibsu barreeffamee argatan;+ 15 kana malees yaanni, “Akka Seerichi ajajutti, daasiiwwan hojjechuuf gara naannoo gaarotaa dhaqaatii mukeetii ejersaa, mukeetii gaattiraa, mukeetii hadaasii* fi mukeetii meexxii irraa, akkasumas mukeetii kan biroo irraa dameewwan baala qaban fidaa” jedhanii guutummaa magaalota isaaniitti, akkasumas guutummaa Yerusaalemitti labsii akka labsanii+ fi beeksisa akka himan ibsu barreeffamee argatan.
16 Kanaafuu, namoonni sun dhaqanii tokkoon tokkoon isaanii baaxii isaanii irratti, mooraawwan isaanii keessatti, mooraawwan mana Waaqa dhugaa+ keessatti, addabaabayii Karra Bishaanii+ keessattii fi addabaabayii Karra Efreem+ keessatti ofii isaaniitiif daasiiwwan hojjechuuf wantoota kana ni fidan. 17 Akka kanaan guutummaan gumii warra boojuudhaa deebiʼan qabate daasiiwwan hojjetee daasiiwwan sana keessa ni taaʼe; Israaʼelonni bara Iyyaasuu+ ilma Nuunii jalqabee hamma guyyaa sanaatti ayyaanicha akkanatti kabajanii waan hin beekneef gammachuu guddaatu taʼe.+ 18 Guyyaa jalqabaatii kaasee hamma guyyaa dhumaattis, guyyaa guyyaadhaan kitaaba Seera Waaqa dhugaa+ irraa ni dubbifama ture. Isaanis guyyaa torbaaf ayyaanicha ni kabajan; akkuma Seerichi ajajuttis guyyaa saddeettaffaatti walgaʼii qulqulluun ni godhame.+
-