LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 23:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Kana malees, ayyaana firii jalqabaa dadhabbii keetii isa maasii kee irratti facaastee, jechuunis Ayyaana Makaraa* kabaji.+ Akkasumas dhuma waggichaatti yommuu firii dadhabbii keetii maasii kee irraa galfattu Ayyaana Midhaan Sassaabbii* kabaji.+

  • Lakkoofsa 29:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 “‘Jiʼa torbaffaa keessaa guyyaa 15ffaatti walgaʼii qulqulluu godhadhaa. Guyyaa kanatti hojii cimaa akkamii iyyuu hin hojjetinaa; guyyaa torbaaf Yihowaadhaaf ayyaana kabajaa.+

  • Keessa Deebii 16:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 “Oobdii kee, akkasumas bakka zayitii fi wayinii kee itti cuunfitu irraa oomisha kee yommuu galfattu guyyaa torbaaf Ayyaana Daasii* kabaji.+

  • Izraa 3:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Achiis isaan akka seerichi ajajutti Ayyaana Daasii* ni kabajan;+ guyyaa guyyaadhaanis hamma ajajame aarsaawwan gubaman ni dhiheessan.+

  • Nahimiyaa 8:14-18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Isaanis Seera Yihowaan karaa Musee ajaje keessatti, yaanni Israaʼelonni tibba ayyaana isa jiʼa torbaffaatti kabajamuutti daasii* keessa taaʼuu akka qaban ibsu barreeffamee argatan;+ 15 kana malees yaanni, “Akka Seerichi ajajutti, daasiiwwan hojjechuuf gara naannoo gaarotaa dhaqaatii mukeetii ejersaa, mukeetii gaattiraa, mukeetii hadaasii* fi mukeetii meexxii irraa, akkasumas mukeetii kan biroo irraa dameewwan baala qaban fidaa” jedhanii guutummaa magaalota isaaniitti, akkasumas guutummaa Yerusaalemitti labsii akka labsanii+ fi beeksisa akka himan ibsu barreeffamee argatan.

      16 Kanaafuu, namoonni sun dhaqanii tokkoon tokkoon isaanii baaxii isaanii irratti, mooraawwan isaanii keessatti, mooraawwan mana Waaqa dhugaa+ keessatti, addabaabayii Karra Bishaanii+ keessattii fi addabaabayii Karra Efreem+ keessatti ofii isaaniitiif daasiiwwan hojjechuuf wantoota kana ni fidan. 17 Akka kanaan guutummaan gumii warra boojuudhaa deebiʼan qabate daasiiwwan hojjetee daasiiwwan sana keessa ni taaʼe; Israaʼelonni bara Iyyaasuu+ ilma Nuunii jalqabee hamma guyyaa sanaatti ayyaanicha akkanatti kabajanii waan hin beekneef gammachuu guddaatu taʼe.+ 18 Guyyaa jalqabaatii kaasee hamma guyyaa dhumaattis, guyyaa guyyaadhaan kitaaba Seera Waaqa dhugaa+ irraa ni dubbifama ture. Isaanis guyyaa torbaaf ayyaanicha ni kabajan; akkuma Seerichi ajajuttis guyyaa saddeettaffaatti walgaʼii qulqulluun ni godhame.+

  • Yohaannis 7:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 Haa taʼu malee, ayyaanni Yihudootaa inni Ayyaana Godoo Qulqulluu*+ jedhamu dhihaatee ture.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi