-
Izraa 1:2, 3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 “Qiiros mootiin Faarsi akkana jedha: ‘Waaqa samiiwwanii kan taʼe Yihowaan mootummoota lafaa hundumaa naaf kenneera;+ Yerusaalem ishii Yihudaatti argamtu keessattis mana akkan isaaf ijaaru+ na ajajeera. 3 Saba isaa hundumaa keessaa namni isin gidduutti argamu kam iyyuu Waaqni isaa isaa wajjin haa taʼu; innis gara Yerusaalem ishii Yihudaa keessatti argamtutti ol baʼee mana Yihowaa Waaqa Israaʼel isa manni isaa Yerusaalem keessatti argamuu deebisee haa ijaaru; inni Waaqa dhugaa dha.
-
-
Izraa 6:3, 4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 “Waggaa jalqabaa Qiiros Mootichaatti, Qiiros Mootichi mana Waaqayyoo isa Yerusaalem keessatti argamu ilaalchisee ajaja akkana jedhu kennee ture:+ ‘Isaan achitti aarsaawwan akka dhiheessaniif, manichi deebiʼee haa ijaaramu; buʼuurri isaas haa kaaʼamu; ol dheerinni isaa dhundhuma* 60, dalgi isaas dhundhuma 60+ taʼee, 4 dhagaa guguddaa toora sadiin wal irra kaaʼamuu fi saanqaa toora tokkoon kaaʼamuun haa ijaaramu;+ baasiin isaas mana mootichaa keessaa haa kaffalamu.+
-