LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Izraa 5:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Kana malees, Qiiros Mootichi miʼawwan warqii fi meetii mana Waaqayyoo warra Nebukadnezaar mana qulqullummaa Yerusaalem keessaa fudhatee mana qulqullummaa Baabilonitti geesse+ sana mana qulqullummaa Baabilon keessaa ni baase. Miʼawwan kunis namicha Sheshbaazaar*+ jedhamuu fi Qiiros bulchaa+ isa godhetti kennamanii turan.

  • Izraa 5:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Achiis Sheshbaazaar kun dhufee buʼuura mana Waaqayyoo isa Yerusaalem keessatti argamu ni kaaʼe;+ manichi yeroo sanaa jalqabee hamma ammaatti ijaaramaa kan jiru taʼus hin xumuramne.’+

  • Haagee 1:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 1 Daariyos mootii taʼee waggaa lammaffaa isaatti, jiʼa jaʼaffaatti, jiʼicha keessaas guyyaa jalqabaatti dubbiin Yihowaa akkana jedhu karaa Haagee*+ raajichaa gara Zarubaabel+ ilma Saalaatiʼel bulchaa Yihudaa fi gara Iyyaasuu ilma Yehozaadaaq luba ol aanaa ni dhufe:

  • Haagee 1:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Kanaafuu, Yihowaan hafuura Zarubaabel ilma Saalaatiʼel bulchaa Yihudaa,+ hafuura Iyyaasuu+ ilma Yehozaadaaq luba ol aanaa, hafuura namoota kaan hundumaas ni kakaase;+ isaanis dhufanii mana Waaqa isaanii Yihowaa Gooftaa Raayyaa ijaaruu jalqaban.+

  • Haagee 2:23
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 23 “‘Guyyaa sanatti’ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa, ‘Yaa tajaajilaa koo Zarubaabel+ ilma Saalaatiʼel,+ ani sin fudhadha’ jedha Yihowaan, ‘Ati isa ani filadhe waan taateef, akka qubeellaa chaappaa sin godha’ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi