3Eliyaashiib+ inni luba ol aanaa taʼee fi obboloonni isaa warri luboota taʼan Karra Hoolaa+ ijaaruuf kaʼan. Isaanis isa ni qulqulleessan;*+ balbaloota isaas itti hojjetan; hamma Masaraa Meʼaatti,+ hamma Masaraa Hanaanʼelittis+ isa ni qulqulleessan.
3 Ilmaan Hasnaaʼaa Karra Qurxummii+ ni ijaaran; isaan maqaanii isaa ni dhaaban;+ balbaloota isaa, loloosoowwan isaa fi danqaraawwan isaas itti hojjetan.