-
Baʼuu 16:29Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
29 Yihowaan Sanbata akka isiniif kenne yaadadhaa.+ Inni guyyaa jaʼaffaatti nyaata guyyaa lamaaf taʼu kan isiniif kennu kanaafi. Guyyaa torbaffaatti namni hundi bakkuma jiru haa taaʼu; eenyu iyyuu naannoo isaa gadhiisee deemuu hin qabu.”
-
-
Baʼuu 20:8-11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 “Guyyaa Sanbataa qulqulluu gootee eeguu hin dagatin.+ 9 Guyyaa jaʼaaf hojii kee fi wantoota raawwattu hundumaa raawwadhu;+ 10 guyyaan torbaffaan garuu Waaqa kee Yihowaadhaaf sanbata dha. Ati yookiin ilmi kee yookiin intalli tee yookiin garbichi kee yookiin garbittiin tee yookiin beeladni kee yookiin namni biyya ormaa gandeen* kee keessa jiraatu hojii akkamii iyyuu hin hojjetinaa.+ 11 Sababiin isaas, Yihowaan guyyaa jaʼa keessatti samii, lafa, galaanaa fi wantoota isaan keessa jiran hundumaa erga uumee booda, guyyaa torbaffaatti boqochuu jalqabeera.+ Yihowaan guyyaa Sanbataa kan eebbisee fi qulqulluu kan godhe kanaafi.
-
-
Keessa Deebii 5:12-14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 “‘Akkuma Waaqni kee Yihowaan si ajajetti, guyyaa Sanbataa qulqulluu godhii eegi.+ 13 Guyyaa jaʼaaf hojii kee fi wantoota raawwattu hundumaa raawwadhu;+ 14 guyyaan torbaffaan garuu Waaqa kee Yihowaadhaaf sanbata dha.+ Garbichi kee fi garbittiin tees akkuma kee akka boqotaniif,+ ati yookiin ilmi kee yookiin intalli tee yookiin garbichi kee yookiin garbittiin tee yookiin qotiyyoon kee yookiin harreen kee yookiin beeladoonni kee kam iyyuu yookiin namni biyya ormaa magaalota* kee keessa jiraatu+ hojii akkamii iyyuu hin hojjetinaa.+
-