-
Leewwota 24:5-7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 “Daakuu bullaaʼaa fuudhiitii maxinoo bifa amartiitiin tolfame 12 tolchi. Tokkoon tokkoon maxinoo sanaa daakuu eefaa tokko keessaa harka kudhan keessaa harka lamaan* haa tolfamu. 6 Achiis toora tokko irra jaʼa godhiitii+ toora lamaan minjaala warqii qulqulluu irraa tolfame irra Yihowaa dura isaan kaaʼi.+ 7 Toora lamaan maxinoo sanaa irras ixaana adii qulqulluu kaaʼi; innis aarsaa isa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu taʼee maxinoo sana kan bakka buʼu ni taʼa.+
-