-
Lakkoofsa 28:11-13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 “‘Jalqaba jiʼa hundumaatti* jibicha mudaa hin qabne lama, korbeessa hoolaa tokkoo fi hoolota xobbaallaa kormaa mudaa hin qabnee fi waggaa tokko taʼan torba aarsaa gubamu gootanii Yihowaadhaaf ni dhiheessitu;+ 12 tokkoon tokkoon jibicha sanaatiif aarsaa midhaanii+ daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makame safartuu tokko keessaa harka kudhan keessaa harka sadii, korbeessa hoolaa sanaaf aarsaa midhaanii daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makame safartuu tokko keessaa harka kudhan keessaa harka lama,+ 13 akkasumas tokkoon tokkoon xobbaallaa hoolaa kormaa sanaaf aarsaa midhaanii daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makame safartuu tokko keessaa harka kudhan keessaa harka tokko aarsaa gubamu, jechuunis aarsaa urgaan isaa gammachiisuu*+ fi Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu godhaa dhiheessaa.
-