-
2 Seenaa Baraa 5:13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Yeroo warri malakata afuufanii fi warri faarfatan tokkummaadhaan Yihowaa jajatanii fi galateeffatanitti, akkasumas yeroo isaan sagalee malakataa, sagalee siimbaalii fi sagalee meeshaawwan muuziqaa dhageessisanii, “Inni gaarii dha; jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata”+ jedhanii Yihowaa jajanitti, manichi, jechuunis manni Yihowaa duumessaan ni guutame.+
-
-
2 Seenaa Baraa 7:6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Akkuma Leewwota meeshaa muuziqaa faarfannaa Yihowaa ittiin deggeran qabatan sanaatti, luboonnis bakka hojii isaanii akka hojjetan itti ramadaman dhaabbatanii turan.+ (Daawit Mootichi meeshaawwan muuziqaa kana kan hojjete, yommuu isaanii* wajjin taʼee isa jajatutti, “Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata” jechuudhaan Yihowaa galateeffachuuf ture.) Israaʼelonni hundi dhaabbatanii utuu jiranii, luboonni isaan duratti guddisanii malakata afuufu turan.+
-