-
Uumama 41:41, 42Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
41 Faraʼoon itti dabaluudhaan Yoseefiin, “Kunoo, ani guutummaa biyya Gibxii irratti si muudeera” jedhe.+ 42 Achiis Faraʼoon qubeellaa chaappaa isaa quba isaa irraa baasee quba Yoseefitti kaaʼe; akkasumas uffata baʼeessa quncee talbaa irraa tolfame isatti uwwise; amartii mormaa warqiis morma isaatti kaaʼe.
-
-
Daaniʼel 6:17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Achiis dhagaa tokko fidanii afaan boolla sanaa irra kaaʼan; Daaniʼeliin ilaalchisee murtoo godhamee wajjin haala wal qabateen wanti tokko illee akka hin jijjiiramneefis mootichi qubeellaa chaappaa isaatiin, akkasumas qubeellaa chaappaa guguddoota isaatiin chaappaa irratti ni godhe.
-