-
Iyyoob 2:9, 10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Dhuma irrattis haati manaa isaa, “Ati amma iyyuu akkuma amanamummaa kee cimsitee qabattetti jirtaa? Waaqa arrabsiitii duʼi!” isaan jette. 10 Inni garuu, “Ati akkuma dubartii hubannaa hin qabnetti dubbatta. Nuti Waaqa dhugaa irraa wanta gaarii taʼe qofa fudhannaa? Wanta hamaa taʼe hoo fudhachuu hin qabnuu?”+ ishiidhaan jedhe. Kun hundi kan isa irra gaʼe taʼus, Iyyoob afaan isaatiin cubbuu hin dubbanne.+
-