-
Iyyoob 4:18-20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Kunoo, inni tajaajiltoota isaa irratti amantii hin qabu,
Maleekota* isaa irraa illee dogoggora ni argata.
19 Haalli warra manneen suphee keessa jiraatanii,
Warra buʼuurri isaanii awwaara keessa taʼee,+
Warra akkuma bilii salphaatti buruqanii hammam caalaatti hammaata ree!
20 Isaan ganama lubbuudhaan jiru, galgala garuu guutummaatti caccabaniiru;
Bara baraaf ni badu, kanaaf xiyyeeffannaa kan kennus hin jiru.
-
-
Iyyoob 25:5, 6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Ija isaa duratti addeessi illee hin iftu,
Urjiileenis qulqulluu miti;
6 Egaa namni duʼu inni gatii hin qabne,
Ilmi namaa inni raammoo taʼes hammam haa xinnaatu ree!”
-
-
Iyyoob 42:8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Amma qotiyyoo torbaa fi korbeeyyii hoolaa torba fudhadhaa gara tajaajilaa koo Iyyoob dhaqaatii ofii keessaniif aarsaa gubamu dhiheessaa. Tajaajilaan koo Iyyoobis isiniif ni kadhata.+ Isin akka tajaajilaa koo Iyyoob waaʼee koo dhugaa waan hin dubbanneef, ani akka gowwummaa keessaniitti akkan isin hin adabneef dhugumaan kadhannaa isaa nan dhagaʼa.”*
-