LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Mootota 18:45
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 45 Kana gidduutti samiin duumessaan ni gurraachaʼe; bubbeen ni bubbise; bokkaa cimaanis ni roobe;+ Ahaabis gaarii fardaa isaa yaabbatee gara Yezriʼelitti+ qajeele.

  • Iyyoob 36:29
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 29 Namni akkaataa duumessi wal irra itti kaaʼames taʼe

      Kakawwee dunkaana* isaa keessaa baʼu+ hubachuu dandaʼu jiraa?

  • Iyyoob 36:31
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 31 Wantoota kanaan namoota ni jiraachisa,*

      Nyaatas baayʼinaan isaaniif ni kenna.+

  • Iyyoob 38:25-27
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 25 Bishaaniif boʼoo kan baase,

      Obomboleettiidhaafis duumessaa fi kakawwee isaa wajjin daandii kan qopheesse eenyu?+

      26 Bakka namni hin jirretti,

      Lafa onaa namoonni keessa hin jirretti bokkaa kan roobse eenyu?+

      27 Lafa onaa diigamaa taʼe kan quubse,

      Margis akka margu kan godhe eenyu?+

  • Yaaqoob 5:17, 18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Eliyaas namuma miira akka keenyaa qabu ture; taʼus bokkaan akka hin roobne cimsee yommuu kadhatetti, biyyattii irratti waggaa sadii fi jiʼa jaʼaaf bokkaan hin roobne.+ 18 Achiis lammata yommuu kadhatu samiin bokkaa kenne, biyyattiinis firii godhatte.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi