-
Uumama 18:14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Wanti Yihowaadhaaf hin dandaʼamne jiraa?+ Ani waggaa dhufu yeroo murteeffame kanatti gara keetti nan deebiʼa; Saaraanis ilma ni deessi.”
-
-
Faarfannaa 135:6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Yihowaan samii fi lafa irratti, galaanotaa fi iddoowwan gad fagoo hundumaa keessatti
Wanta gochuu barbaade hundumaa ni godha.+
-
-
Ermiyaas 32:17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 “Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, kunoo ati humna kee isa guddaa fi irree kee isa diriirfameen samiiwwanii fi lafa tolchiteetta.+ Wanti siif hin dandaʼamne tokko illee hin jiru;
-
-
Maarqos 10:27Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
27 Yesuusis gara isaanii ilaalaa, “Kun namootaaf hin dandaʼamu, Waaqayyoof garuu akkana miti; Waaqayyoof wanti hundi ni dandaʼama”+ jedhe.
-
-
Luqaas 18:27Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
27 Innis, “Wanti namootaaf hin dandaʼamne Waaqayyoof ni dandaʼama”+ jedhe.
-