15 Inni rakkataa waan taʼeef, akkasumas jireenyi isaa mindaa isaa irratti kan hundaaʼe waan taʼeef, mindaa isaa guyyuma sanatti utuu aduun hin lixin isaaf kenni.+ Taʼuu baannaan inni sitti mufatee gara Yihowaatti ni iyyata; atis cubbuudhaan itti gaafatamta.+