-
Iyyoob 2:1-3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Sana booda guyyaan ilmaan Waaqa dhugaa*+ Yihowaa dura dhaabbachuuf itti seenan ni gaʼe;+ Seexannis Yihowaa dura dhaabbachuuf isaan gidduu ni seene.+
2 Achiis Yihowaan, “Eessaa dhufte?” jedhee Seexana gaafate. Seexannis, “Lafa irra naannaʼee, ishii irras asii fi achi deemeen dhufe”+ jedhee Yihowaadhaaf deebise. 3 Yihowaanis Seexanaan, “Tajaajilaa koo Iyyoob hubattee ilaalteettaa?* Lafa irra namni akka isaa tokko iyyuu hin jiru. Inni nama qajeelaa fi amanamaa*+ dha; akkasumas nama Waaqa sodaatuu fi wanta hamaa taʼe irraa fagaatu dha. Ati sababa tokko malee akkan isa balleessu* na kakaasuuf kan yaalte taʼus,+ inni amma iyyuu amanamummaa isaa cimsee akkuma qabatetti jira”+ jedhe.
-