-
Iyyoob 1:6-8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Guyyaan ilmaan Waaqa dhugaa*+ Yihowaa dura dhaabbachuuf itti seenan ni gaʼe;+ Seexannis+ isaan gidduu ni seene.+
7 Achiis Yihowaan, “Eessaa dhufte?” jedhee Seexana gaafate. Seexannis, “Lafa irra naannaʼee, ishii irras asii fi achi deemeen dhufe”+ jedhee Yihowaadhaaf deebise. 8 Yihowaanis Seexanaan, “Tajaajilaa koo Iyyoob hubattee ilaalteettaa?* Lafa irra namni akka isaa tokko iyyuu hin jiru. Inni nama qajeelaa fi amanamaa*+ dha; akkasumas nama Waaqa sodaatuu fi wanta hamaa taʼe irraa fagaatu dha” jedhe.
-