4 “Waaqni kee Yihowaan si duraa yommuu isaan ariʼutti ati garaa keetti, ‘Yihowaan biyya kana dhaalaan akkan fudhadhuuf asitti kan na galche qajeelummaa kootiin kan kaʼe dha’ jettee hin yaadin.+ Kanaa mannaa, Yihowaan saboota kana si duraa kan ariʼu hammina isaaniitiin kan kaʼe dha.+