-
Baʼuu 14:21, 22Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 Yeroo kanatti Museen harka isaa galaanicha irratti ni diriirse;+ Yihowaanis bubbeen bahaa cimaa taʼe halkan guutuu akka bubbisu gochuudhaan galaanicha duubatti deebise; lafti galaanichaas gogaa ni taʼe;+ galaanichis gargar hirame.+ 22 Kanaafuu, bishaanichi karaa mirgaa fi karaa bitaa isaanii akka girgiddaa taʼee utuma dhaabbatee jiruu,+ Israaʼelonni galaanicha gidduu lafa gogaa irra ni ceʼan.+
-
-
Baʼuu 15:8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Hafuura funyaan kee keessaa baʼuun bishaanonni walitti qabaman;
Bishaanonni akkuma girgiddaatti dhaabbatan.
Garaa galaanichaa keessattis dhaʼaan bishaanii ni itite.
-